Jeremiah 14:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato worri ufi agabsele anini kad'acha worraa ind'agayufi; ammalle yo worri sorio gubanifi mid'aani naa baasele, anini waan suni iraa ingammadu. Ammo fulla suni anini worra woraanafi beelafi d'ukubaani balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoma sooma'aa na kadhatanillee kadhaa isaanii hin dhagayu; ciincaa ciincawuu fi kennaa midhaanii yoo naa dhiyeessanillee ani waan kanniiniin hin gammadu; ani sirima isaaniin lola; beelaa fi dhukkubaan akka dhuman isaan taasisa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan laamanee daadimatanulle ani daadimata isaanii hin caqasu; woreega ciinca'aatii fi kennansa isaanii ka midhaanii, ani hin fudhadhu; ammoo ani shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin balleessa» jedhe.