Jeremiah 14:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle worra raagooti sunini fadduufi kara dira Yerusalemu keesati d'abbani; nami worraafi nad'eeni worraatifi ilmaani worrale awaalu injiru. Anini ch'ubbu worraa worrumati deebise akasiini worra balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin isaan waan kana raaganiif maruu beelaa fi woraanaan dhuman; reeffi isaan maraatuu karaa Yerusaalemii maraa irratti gatama, ka isaan awwaalu hin jiru; wonti kun haawwota manaa isaanii, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa maruu uduu hin hafne isaan maraa irrattuu ta'a; haguma yakka isaaniitiin adabbii isaan barbaachisu isaanii kenna.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan isaan itti raaganu beelaa fi shallaaga'aan karaa Yerusaalemii irratti hin du'an; nami isaanii fi niitota isaanii, ilmaan isaaniitii fi ijoollee durraa ta isaanii awwaalu hin jiru. Sababa yakkaa isaaniitiif ani balaa isaan irratti hin dhangalaasa.