Jeremiah 14:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee AABBO Waaqa, atini d'uguma yayu Yuda jibbaatte lafa buufte? Atini worra Sioni ya jibbite? Atini maafi akana nu gaargalchite nu fayyu dad'amna? Nu nagaya barbaanne ammo waan dansa tokole lafaa d'amne; nu waan fayyinu ufi seene ammo mudamsuuni nu qabatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Rabbi! biyya Yihuuda'aa sirima jibbu'uuf taataa? banii Tsiyooniillee akka jibbiteen dhiisu'uuf taataa? wonti ati akka nu hin fayyinetti nu miiteef maali'i? nu nagaya arganna jennee abdannee turre, garuu waan mishaa woyiituu hin arganne; nu fayyinna arganna jennee abdannee turre, garuu raafamni nutti baay'ata'aa deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa! Ati kolbaa Yihuda'aa ijjumaa gattee? Ati Xiyoon hin tuffattee? Akka nuuti fayyuu hin dandeennetti ati maaf nu miite ree? Nuuti nageya addii godhannee ammoo waan dansaa hin dhagganne; Yennaa fayyinnaa eegannee ammoo bararaqiisaa calla'atti te'e.