Jeremiah 14:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi harkaani boch'ani ka gochiti d'ibiini qabdu dandae bokayaani d'ufa? Gubbaleeni dandeete ebele iroobdi? Hiyo, ka namaa roobu siuma AABBO Waaqa keenna. Nami waan kana ch'ufa tolchu sii, abdiini teennaleeni gamuma kee jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waaqolee tolfamaa ormaa keessaa ka rooba roobsuu danda'u tokkollee hin jiru; samiin fedha ufiitiin tiifuu hin tiifu; Rabbi Waaqa keenna! ka waan kana maraa godhu si'ii nu si abdanna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqota dharaa ka gosa biyya adda addaa keessaa, ka bokkeya roobisiisuu dande'u jiraa ree? Ol-gubbaan ifumaan tiifuu gad kennitii ree? Waawwo'o! Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, tana ka godhu si'i. Tana mara ka godhu si waan te'eef, tanaaf, nuuti si'itti addanna.