Jeremiah 16:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani yayu abbooti teesanile ira waan hamtu tolchitani. Isani ch'ufti mata jabaatani, hameenna gula yaatani, naa saalfachu diddani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin garuu waan hamaa abboonni teessan ta durii hojjatan caalu hojjattan; isin maruu worra morkatuu fi worra didu taatan; anaa hin ajajamne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ammoo abbootii teessan ta durii caalaa waan hantuu hujjane; tokko tokkoon keessan naaf ajajamiisa irra mataa jabeennaan hammeenna gadhaa keessanii attam attam akka hordottanu ilaala'a.