Jeremiah 16:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini maro dabaafi ch'ubbu worraatifi gati waan suni maro lama iraa fuud'a, waan worri lafa tiyya, waan harkaani boch'ani ka lubbu inqamneeni t'ureese, waaqa d'ara sunini lafa tiyya guutefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan akka waan du'ee waaqolee tolfamaa lubbuu hin qabneen lafa kiyya waan batteessanii fi waaqolee tolfamaa sobaa biyyattii keessa waan guutaniif, waan cubbu'uu fi hammeenna isaaniitiif dachaa isaan adaba.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan fakkii fokkisiittuu lubbuu hin qanneen lafa tiyya waan batteessaneef, waaqota dharaa battii sanille'een lafa tiyya waan guutaneef, sababa hammeennaa fi cubbuu isaaniitiif adabbii dachaa isaanitti hin fida» jedha.