Jeremiah 16:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee AABBO Waaqa, atini irre tiyyafi jabeenna kiyya; nami guyya gaargala na qarqaaru siuma. Gochiti muumme lafati d'ufte waan siini jettu, Ababooti teenna waaqa d'ara, ka harkaani boch'ani, ka woma nama imbaane ch'alla gula yaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Rabbi! ka na eeguu fi ka na jabeessu si'i; ati hennaa rakko'oollee irkoo kiyya; baniin daangaa lafaatii sitti dhufanii akkana siin jedhan; «Abboonni teenna ta durii waaqolee tolfamaa sobaa malee womaa hin qaban; waaqoleen tolfamaan isaanii maruu duwwa'a; womaa hin fayyadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa! Ati jabeennaa fi gollata kiyya; guyyaa rakkinnaalle addee ani itti baqadhu. Gosi biyya adda addaa lafa mara irraa dhufanee, «Abbootiin teenna ta durii waaqonfannaa dharaa, waaqota dharaa ka bu'aa hin qanne ka waan dansaa isaaniif hin goone malee, womaa hin qabanuuyyu» hin jedhan.