Jeremiah 16:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri d'ukuba hamaani hobaa, nami tokoleeni worraa bohe inawaalu. Reefi worraa akuma kosi wolirati tuulame lafa ch'iisa. Worri yokhaani woraanaani hobae yokhaani beelaani hobaa. Ammalle reefa worraale allaatifi bineensa alaati nyaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan maruu dhukkuba hama'aan dhuman; ka isaanii booyuu fi ka isaan awwaalu sirima hin jiru; reeffa isaanii akkuma kosi'ii raasa'atti tuulan; woraanaa fi beelaan dhuman; reeffi isaanii nyaata allaattii samii irra bararuu fi busaaya'aa ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
dhukkuba hama'aan hin du'an; nami isaaniif bowu yookiin isaan awwaalu hin jiraatu. Isaan akka cego'oo lafatti hin gataman; shallaaga'aa fi beelaan hin badan; allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin te'an» jedhe.