Jeremiah 17:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Worra Yuda, ch'ubbu teesani yayu qalamu sibiilatini t'aafani; d'akha qara qabu jajabaani onne teesani irati qorani, fulla isani sorio irati baaftanile moga ch'ufa irati barreesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Isin banii Yihuuda'aa! cubbuun keessan qalama sibiilaatiin barreeffameera; dhagaa jabaa gatii gudda'aa ka qara qabuun akka waan gabatee irratti barreessaniititti onnee teessanii fi buuchoo ciincaa irratti dhiyeessan irrattillee bocameera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Cubbuun kolbaa Yihuda'aa feenii sibiilaatiin, arfii dhakaa almaaziitiin gadhaa isaaniitii fi gaafa addee ciinca'aa ka isaanii irratti qiriixantee barreeffanteerti.