Jeremiah 17:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee AABBO Waaqa, anini takaa, worra kana balleesi siini injenne. Anini takaa aka worri badu infeene. AABBO Waaqa, atini imbeeta, waan anini jed'ele ch'ufa imbeeta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu Rabbii kiyya! akka ati isaan irratti balaa fidduuf hennaan si qaabsise hin jiru; ani akka rakkinni isaanitti dhufu hin hawwine; yaa Rabbi! ati waan kanaa fi waan dubbadhe maraa hin beetta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani akka ati na ajajetti tissee te'iisa hin lakkinne; guyyaan hamaan akka dhufu akka ani hin halchin hin beetta; wonni ani dubbadhe marti si duratti ifa.