Jeremiah 17:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami dira Yudatifi ollowaani d'aatu Yerusalemutiiti bahe, ammalle lafa Benjaminitifi golba gaaratifi gaareenifi lafa Yuda ta bitatile baha. Duuba sorio gubanifi sorio d'ibifi mid'aani Waaqa baasanifi hit'aana isaa aarsani, waan maro galatatifi Waaqa baasanile ch'ufa Mana kiyyatiini d'ufani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin qachoota Yihuuda'aatii fi gandiin naannaya Yerusaalemii jiran keessatti wol gayan kutaa gosa Biiniyaamii keessa tulloota jalaa gaarranii fi Yihuudaa gara kibbaatiillee dhufanii ciincaa ciincawuu fi ciincaa biraa, kennaa midhaanii, hixaanaa fi kennaa galataallee qabatanii mana woyyuu kiyyaa fidan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti qachaa Yihuda'aa keessaa, olloota adaala Yerusaalemiitii, lafa Beniyaaminiitii fi lafa kooba jalaa ta gara aduun seentuutii, biyya koobitti'ii fi biyya goomolee kibba Kana'aaniitii, kennansa gubamu fi ciincaa, kennansa midhaanii, hixaanaa fi kennansa galataa qabatanee gara Galma Mootii Waan Maraa hin dhufan.