Jeremiah 17:27 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri sunini naa saalfate, guyya Sabato guyya qulqullo ha tolfatuti. Worri guyya suni wo baate fullo Yerusalemutini seenu himmalle; yo sila worri akasi tahe, anini fullo Yerusalemu suni inguba. Ibidi suni maneeni hayyu ch'ufa inguba ammalle nami tokoleeni ka dandae d'aanfu injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan naa ajajamuu fi guyyaa Sambataa woyyoomsanii kabajjuu isaan barbaachisa; guyyaa kana garuu balballan dallawa Yerusaalemiitiin ba'aa woyiituu baatanii seenuun isaan hin barbaachisu; yoo ajaja kiyya fudhatuu didanii waan kana raawwatan garuu seensi balbala Yerusaalemii akka ibiddaan gubatu godha; manniin mootumma'aa ka Yerusaalemiillee gubatanii bobayan; ka ibidda san dhaamsuu danda'u hin jiru.› »
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ammoo naaf ajajamuu yoo diddane, woyyummaa guyyaa Sanbataa eegiisa yoo dhaddane, ba'aa ba'attanee karra Yerusaalemiitiin yoo ol seentane, karra Yerusaalemii keessatti ibidda hin dhaanne ka dalleya dhaka'aa Yerusaalemii nyaatee balleessu hin qassiisa» jedhe.