Jeremiah 17:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni mukha d'aatu galaanati bahe ka hiddi isaaleeni gara bisaani bahu fakaata. Inni yo lafti bontele woma insodaatu, wonti akanatiifi baali isaa yo ch'ufa doti; yo bokeeni injirrele woma ind'eetu, mid'aanile baasu illakisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akka muka bisaan yaa'u biratti dhaabaniitii fi akka muka bisaan biraa ka hidda ufii gad fageeffateeti; munni akkanaa ka hennaa maraa lalisee jiraatu kun holataan adu'uutuu isa hin sodaachisu; yoma roobnillee roobuu baate daraaraa daraaruu hin dhiisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee, ka hidda ifii gara lagaa yaafatuu hin te'a. Muki sun o'i yennaa dhufu hin sodaatu; baalli isaa yennaa mara bisile'e. Bara oola'aa hin yaadu; midhaan buusiisa hin lakkisu.