Jeremiah 18:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan dansa waan hamtuni baasani? Ammo worri yayu boola naa qote. Qaabad'u aka anini siti d'ufe worraa jed'e dubbad'e, aka dallansu tante worra ira d'owu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa gatiin hujii misha'aa waan hamaa godhu'uu? ani akka ati isaaniin hin lolle isaanii fi si jidduu dhaabadhee si kadhadhe qaabadhu; isaan garuu boolla ani itti kufu naa qotan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gatii waan dansa'aa waan hantuu kaffalanii ree? Isaan ammoo boolla naaf qotaneeran; mufii teeti akka ati isaan irraa deebifattuuf, fuula keeti dura dhaabbadhee, isaaniif akka ani si kadhadhe qaabadhu.