Jeremiah 18:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo amma tana, ee AABBO Waaqa ijoolleeni worraa ha garaachafi woraanani hobaatu. Nad'eeni ha d'iirsaafi ilmaanile d'abduti. D'iirti ha d'ukubaani hobaate, kaimileeni ha woraanani hobauti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waandhana! amma ijoolleen isaanii akka beelaan dhuman, isaanillee akka woraana irratti kufan godhi; dubartoonni isaanii abbaa worraatii fi ijoollee hin argatin; dhiirti isaanii dhukkubaan, ka'imman isaaniillee woraanaan haa dhumanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf ijoollee isaanii beelessi; shallaaga'aaf dabarsiitii isaan kenni! Niitoti isaanii ta ijoollee hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa te'anuu ti. Dhiira isaanii fixi; dargaggooti isaanii lola keessatti akka qalamanu godhi.