Jeremiah 18:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo ee AABBO Waaqa, atini mala worri nani ijeesu fed'e ch'ufa imbeeta. Ch'ubbu worraa inaraaraminiifi, daba worraale biraa indeeminifi. Worra dabsi, lafa buusi dallansu keesa balleesi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waandhana! mura isaan na ajjeesu'uuf dharaan natti muratan ati hin beetta; kanaafuu yakka isaanii isaanii hin dhiisin; cubbuu isaaniillee isaanii hin araaramin; isaan si afo'otti akka mooyatamanii fi lola kee gudda'aan akka badan godhi.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa! Mala isaan na ijjeesiisaaf dhowane, ati hin beetta. Yakkaa isaanii isaaniif hin araaramin; cubbuu isaaniille fuula keeti duraa haxoottee hin balleessin. Isaan fuula keeti duratti jiganee badanuu ti; ati yennaa isaanitti aarte isaanitti muri» jedhe.