Jeremiah 18:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma, namichi faara kuuch'u tolche, anini yo worra Israeli akasi tolche d'uga inqabu? Akuma namicha faara kuuch'u d'oqeeni harka isaa keesa jirtu, isanileeni akasuma harka kiyya keesa jirtani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Banii Israa'elii! akkuma namni faara dhawu meeshaa ufii dhawu san akka ufii fedhetti dhawu ani waan barbaade isin irratti godhuu hin danda'uu? akkuma meeshaan faaraa nama isa dhawu harka jiru isinillee na harka jirtan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee, kolbaa Israa'elii! Akkuma nami Faara dhowu kun huju, anille isin hujuu hin dande'uu ree? Akkuma faarri harka nama faara dhowuu keessa jiru, isinille harka kiyya keessa jirtan.