Jeremiah 19:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba waan worraani jettu, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Anini gumi tanaafi dira kana, akuma okote faara ta eegi ch'absani dandaani imid'aasine, ch'ach'absa. Tofethi keesaleti woli awaalani, wonti akanatiifi fullaani worra iti awaalani d'ibiini injirtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbiin Waandhi banii maraa akka isaanitti himuuf na ajaje kana; «Akkuma waabaan faaraa ka cabe kun deebi'ee wol qabatuu hin dandeenne ani banii kanaa fi qachaa tana akkuma kana isaan caccabsa; worri namni isaan jalaa du'e hulee itti awwaalatan waan hin qabneef Toofeetimatti isaan awwaalan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: Akkuma okkoteen nama faara dhowuu bututteen duuba deebitee suphamuu hin dandeenne, akkuma kana ani kolbaa tanaa fi qachaa kana hin butucha; haga addee itti awwaalanu dhabantutti reeffa isaanii Toofetitti hin awwaalan.