Jeremiah 19:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti anini akasi tolchufi waan worri kunini na lakise, waaqa d'araati sorio baase, waaqa d'ibi ka worraafi abbooti worraatifi hayyooti Yuda haga d'alate waan isaa imbeenne, sorio baasani, akanaani lafa tana t'ureesani. Worri yayu lafa tana d'iiga nama woma iyyakiniti balleese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti ani waan kana godhuuf baniin waan ana dhiisanii fi waaqolee tolfamaa biraatii ciincaa dhiyeessa'aa hulee kana waan batteessaniif; isaan, abboonni isaanii ta duriitii fi mootonni biyya Yihuuda'aallee waan waaqolee tolfamaa kanniinii womaa hin beekan; kana callaa uduu hin taane namoota balleessaa hin qabne ajjeesa'aa huleen kun akka dhiigaan battaayu godhaniiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille isaan na lakkisanee addee tana ta waaqota ormaa godhaneeran. Isaan addee tana keessatti waaqota ifiifuu hin beenne, ka abbootiin isaaniitii fi moototi Yihuda'aalle ijjumaa hin beenneef hixaana aarsanee, dhiiga worra yakkaa hin qanneetiin addee tana guutaneeran.