Jeremiah 19:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nyaapi dira marse, nama keesa jiru hobaasu fed'a. Duuba worri dira suni keesa jiru maro gaargala sunitifi fooni woli nyaate ilmaani ufile nyaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Diinni qachattii marsee banii fixu'uuf isaan rakkisa; hennaa san wonti nyaatan dhumee baniin waan beelawuuf ufumaa wol nyaatan; siri'ii abboonni foon ijoollee ufii nyaatan.› »
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani foon ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ifii akka isaan nyaatanu hin godha; diinoti isaanii ka lubbuu isaanii balleessiisaaf barbaadu yennaa isaan marsee rakkisu, isaan foon wolii hin nyaatan.