Jeremiah 2:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri, ato anini lafa Misiri keesaa baase lafa aloo ta gamooji lafa d'eebicha ta maansa qabdu, lafa goddu gaargala heddu qabdu, ta nami tokoleeni iti qubate yokhaani imaltule keesa indeemne, keesa worraani deemele, diqole na iyyaalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani isaan biyya Misiriitii baase; lafa gammoojji'ii keessa isaan masakke, karaa lafa onaa bu'i bayii gogaa dukkanaa, ka womaa keessa hin jiraannee fi hin deemne keessaa isaan baase; isaan garuu ‹Waandhi kana maraa nuu godhe meeti?› jedhanii hin gaafanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan, ‹Waaqi biyya Gibxi'ii keessaa nu baasee, lafa goomolee keessa, lafa boboollittii keessaa fi gammoojjii keessa, lafa goddu'uu fi dukkana dimma keessa, lafa nami keessa hin ideennee fi lafa nami keessa hin leene keessa ka nu sooresse eessa jira?› jedhanee hin gaafanne.