Jeremiah 20:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo ee AABBO Waaqa gudda, atini d'ugaani nama ilaalate, waan worri garaafi qalbi keesaa qabu beeta. Tanaafi aka atini nyaapa kiyya haalo baafatu na agarsiisi, wonti akanatiifi anini dubbi tiyya yayu siti kennad'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waaqa banii maraa! ati nama qajeelaa qortee adda baafatta; yaada gad fagoo garaa namaallee hin qorta; iyyannoo kiyya sitti dhiyeeffadheera; kanaafuu hennaa diintota tiyya haluu baatu akka argu na taasis.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, ka balchaa haga ilaaltu, ka gadha'aa fi qalbii qorqortu, haajaa kiyya waan sitti kennadheeruuf, yennaa ati isaan haluu baatu, ani isaan dhagguu ti.