Jeremiah 20:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle anini waan diri kuni qabu ch'ufa, horifi mihaafi waan hayyuuni Yuda qabu ch'ufale, harka nyaapa isaniti kenne, nyaapi sunini boojie lafa ufi geesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma diintonni isaanii qabeenna qachaa tanaa maraa akka saaman, qabeennaa fi meeshaa isaan kuufatan maraa, galmee qabeenni mana meesha'aa ka biyya Yihuuda'aallee uduu hin hafne maraa haxaayanii gara Baabiloonii akka fidan godha;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qabeenna qachaa kanaa mara, waan qachaan kun dhaggatu mara, meya gatii guddo'ootii fi karra mootota Yihuda'aa mara harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaanille saamanee gara biyya Baabilonii hin geessan.