Jeremiah 21:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
worra d'aloota Daudi! AABBO Waaqi waan jed'u, Guyya ch'ufa waan tolchitani ch'ufa d'uga gula tolcha. Nama dabsani harka nama dabse jalaa baasa. Yo baasu baatani, wonti hamtuni isani tolchitani kuni dallansu tiyya aka ibida nami dandae ind'aafine bobeesiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
yoo waan kana godhuu baattan garuu sababaa isin waan hamaa hojjattaniif lolli kiyya akka ibiddaa bobaya; ka dhaamsuu danda'u hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee sanyii Daawitii, Mootiin Waan Maraa isiniin, ‹Sababa hujii hantuu isin hujjaneef, aariin tiyya akka ibidda eennulle dhaanfuu hin dandeennee akka hin bobeenne, guyyaa mara haqa huja'a; nama saamame harka worra isa cunqursuu keessaa baasa'a.