Jeremiah 21:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi Israeli waan jed'u: Sedekia, anini askarti tante ta hayyu Babilonitifi duula isatini woli haatu imballeesa. Anini woraana askarti teeti wod'aka dirati tuula.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Rabbi Waandhi Israa'elii akkana siin jedha, ‹Sedeqiyaas! ani meeshaa ati moototaa fi worra Baabiloonii ka dallawa duubaan si marsaniin woraantu meeshaan sun deebi'ee akka si miidhu godha; meeshaa lolaa sanillee akka qachattii keessatti tuulamu taasisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, worra dalleyaan alaan isin marsane, mootii Baabiloniitii fi worra baabilonii loliisaaf meya woraanaa ka isin harkatti qabattane san isin irratti garagalcha; qachaa kana keessalle'etti isaan wolitti hin qaba.