Jeremiah 21:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo siifi jaarole teetifi nama woraanafi beelafi d'ukuba ira hafe ch'ufa harka hayyu Nebukadrezatifi nyaapa keesani ka isani ijeesu fed'uti kenna. Duuba Nebukadrezani naasu male isani ch'ufa hobaase nama tokole hafu d'owa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani si'ii fi bulchoota woraanaa ka balaa irraa hafan, worra lolaa fi banii beela irraa hafan maraa akka mooticha Nabukadanatsoorii fi diintota si ajjeesu'uuf barbaadaniin booji'amtan godha; inni araara yookaan garaa laafee nama tokkollee sii hin dhiisu; ka waan kana dubbate ana Rabbi jedha› jedha'aatii Sedeqiyaasitti himaa'a» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saniin duuba mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaatii fi kolbaa qachaa kana keessaa worra balaa irraa, shallaaga'aa fi beela irraa lubbu'uun hafane, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariititti, harka diinota isaanii worra jiruu isaanii balleessiisaaf barbaaduutitti dabarsee isaan hin kenna; mootichi shallaaga'aan isaan hin ijjeesa; inni isaaniif hin mararu yookiin isaaniif hin nawu yookiin gadhaa hin laafu› jedha'aatii itti hima'a» jedhe.