Jeremiah 22:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti AABBO Waaqi jed'u tana, waan d'ugaatifi ka qajeela tolcha; nama dabsani harka nama dabsu jalaa baasa. Nama gosa d'ibitifi hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyile gaargalchitani indabsina; ammalle fulla qulqullo tanati nama woma iyyakini infit'ina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani Rabbi akka murtii qajeela'aa fi waan dhuga'aa gootan isin ajajeera; namni tokko nama biraa irraa waa saamee akka dhara hin hojjanne eegaa'a; worra isinitti galan, ijoollee haatinii fi abbaan jalaa du'anii fi dubartoota abbaan worraa jalaa du'an rakkiftanii barsee hin godhatinaa'a; hulee woyyuu kanatti dhiiga nama qulqullu'uu hin jissinaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san raagichi, «Mootiin Waan Maraa, ‹Waan haqa te'ee fi waan sirrii te'e huja'a. Nama saamame harka worra isa cunqursuutii baasa'a. Nama ormaa, ijoollee abbaa hin qanne yookiin haadha hiyyeessaa irratti yakkaa hin hujina'a yookiin hunnaan irratti hin ka'ina'a. Addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qanneelle hin dhangalaasina'a.