Jeremiah 23:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo anini raagoota Yerusalemu, ta waan hagasi ira hamtu tolchitu, arge: Worri huji sharmut'oma hojate, d'ara dubbate, nama waan hamtu tolchule wahelche; duuba akanaani nami tokoleeni hameenna ufi iraa deebiu dide. Aka kiyyati worri yayu worra Sodomatifi ka Gomora fakaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Raattonni Yerusaalemiin keessa jiranillee waan hamaa kana caalu hennaa hujan argeera; isaan hin seebaran; soballee hin dubbatan; hujii hama'aaf namoota kakkaasan; sababa kanaaf baniin hujii hamaa ufii irraa hin deebine; kanaafuu isaan na biratti akka banii Soodomiitii fi banii Gamora'aa hammeeyyi'i.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagota Yerusaalemii odduulle'etti waan nama shuguggeessu dhaggeera; isaan hin gaarayyeeffatan; dharaan ideeman. Nami tokkolle hammeenna irraa akka hin deebine worra hantuu huju jajjabeessan. Marti isaaniituu na duratti akka qachaa Sodoomii, kolbaan Yerusaalem keessa leetu, akka qachaa Gomora'aa battowaneeran» jedha.