Jeremiah 23:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti AABBO Waaqi Israeli waan nama nama fidu, ka sila gumi isaa qorqoratuni jed'u, tana: Isani gumi tiyya qorqorachu diddani gargari firfirsitani d'id'imati d'ooftani. Anini amma tana maro isani waan hamtu suni tolchitanifi isani gaargalcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi Israa'elii worra bulchootaa waan worra banii bulchanii akkana jedha, «Isin banii kiyya akka misha'atti eega'aa hin jirtan; eeguu caalaa isaan ariitanii bittinneessitan; kanaafuu ani hammeenna hojjattan kana maraaf isin adaba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii marroo bulchitoota kolbaa tiyya eedduutiif, «Isin kolbaa tiyya bittinneessitanee waan ariitaneef, akka maltetti waan hin eeginiif, waan hantuu isin hujjaneef ani isin hin adaba.