Jeremiah 23:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka anini d'aloota Daudi keesa nama d'uga toko fohad'e hayyu tolchu. Hayyichi sunini kara dansaani nama fidde, waan d'ugaatifi ka qajeela lafa ch'ufa keesati tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani fiixaa Daawitii keessaa nama balchaa filee mootii taasisu hin dhufa; mootiin sun ogumma'aan bulcha, biyya maraa irratti waan dhuga'aatii fi waan qajeelaa godha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, barri ani sanyii Daawitii keessaa mootii balchumma'aan bulchu kaasu dhufaara; inni lafa irratti qarumma'aan bulchaa, waan sirrii te'e hujaa muraa haqaalle hin mura.