Jeremiah 24:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi hayyuuni Babiloni, ka Nebukadreza jed'ani, Yehoiakini, ilma Yehoiakimu, ka hayyu Yuda, Yerusalemu keesa isaafi jaarole Yudatifi ogeeyifi tumtu boojie Babilonini d'ufe AABBO Waaqi dadu lama ta mid'aani odaa miju, ta mana Waaqa dura jirtu, daayya keesa na garsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi keeshee lamaan muka hurbu'uu irraa hojjatame ka balbala mana woyyu'uu afoo jiru natti mudhise; wonti inni natti mudhise kun haga mootichi Baabiloonii Nabukanatsoor Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii mootii biyya Yihuuda'aa bulchoota Yihuuda'aa, ogeeyyii hujii harkaa hojjatanii fi ogeeyyii biraa ka waan biraa hojjatan woliin hidhee Yerusaalemii gara Baabiloonii fideen maayessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin biyya Baabilonii Nebukadnezaar, mootii Yihuda'aa Yekoniyaa ilma Yehoyaaqiimii, qondaaltota Yihuda'aa, worra hujii harkaa hujuu fi worra sibiila tumu Yerusaalem keessaa booji'ee gara biyya Baabilonii geesseen duuba, Mootiin Waan Maraa kollonjoo lama ta midhaan harru'uu qaddu, ta Galma Mootii Waan Maraa dura keyane natti mudhise.