Jeremiah 24:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani AABBO Waaqi waan nani jed'e, Yeremia, atini maani agarta? Anini waan jed'eeni, Mid'aani odaa arge, dandansani guddo dansa hamamoni guddo hamo, waan nami dandae nyaatuniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi «Ermiyaas! wonti ati laala'aartu kun maali'i?» naan jedhe. Anillee, «Daraaraa muka hurbu'uu arga'aara, daraaraan muka hurbu'uu mimmishaan guddisee bareeda; daraaraan muka hurbu'uu babbadaan garuu ka shamee badee nyaataaf hin tolle» jedhee deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee, Ermiyaas, maan dhaggiisatti jirta?» jedhe; anille deebisee, «Midhaan muka harru'uu dhaggiisatti jira; midhaan sun dansaan guddoo dansa'a; hamaan ammoo akka malee hamaa ka nami nyaatuu hin dandeenne» jedheen.