Jeremiah 25:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yeremia, atini waan anini jed'e kana ch'ufa worrati himi, waan jettuuni: AABBO Waaqi gubbaa itane, gara inni tau ka gubbati mandia. Ammalle gumi isati itane, aka nama zabibu ch'ach'arasu iyya. Nami lafa keesa jiru ch'ufti isa d'agaye,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ermiyaas! dubbii ani sitti hime kana maraa labsuu si barbaachisa; banii kanaan akkana jedhi; ‹Rabbi sami'ii laagaa guddaa dhageessisa; hulee ufii jiraatu woyyu'uu laagaa gigissa'aa dhageessisa; lafa irrattillee laagaa guddaa dhageessisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Mootiin Waan Maraa ammalle, anaan, «Ee Ermiyaas, dubbii tana mara kolbaa tana irratti raagiitii, « ‹Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa hin iyya; addee woyyittii ifiitii dhangaa dhowa. Lafa ifii irratti guddisee dhangaa dhowa; akka worra woynii cunfuu qoonqoo guddoo hin dhageessisa; worra lafa irra le'u maratti hin iyya.