Jeremiah 25:33 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya suni reefi nama AABBO Waaqi fit'u lafa haguma isiini geetunu fulla ch'ufa ch'iisa. Nami worraa bohe reefa suni wolti guure awaalu injiru, reefi worraa akuma huura lafa ch'iisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa san reeffi namoota Rabbi du'aan adabuu daangaa lafaatii haga daangaa lafaatitti gad soobaman nama isaanii boowuu fi ka wolitti qabee isaan awwaalu hin argatan; kanaafuu akka fisha'aatitti haramanii raasa'atti gataman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa san reeffi worra Mootiin Waan Maraa ijjeesee, qaccee lafaatii haga qaccee lafaa taanitti, addee maratti hin dhaggama. Reeffi isaanii lafa irratti akka cego'oo te'a malee, nami isaaniif bowu yookiin nami isaan wolitti qabee awwaalu hin jiru.