Jeremiah 25:34 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaarole gumi tiyya tissitu, iyya, boha! Boha, biyye keesa gangalad'a. Guyyaani isani qaqalani ya gahe akuma Elemiye gagabbo isani qaqalani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isin bulchoonni booyaa'a; isinillee worri banii eeddan laagaa ol qabadha'aatii ‹banne, banne!› jedhaa'a; daaraa irratti gangalata'aa gaddaa'a, hennaan isin maruu itti goorra'amtan gayeeraa, isin akkuma meeshaan faaraa ka gatii gudda'aa lafa bu'ee cabee bittinnaayuutitti bittinnooftan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin tissitooti wiiccifadha'aatii bowa'a; isin sooressitooti kolba'aa daadhaa keessa gangaladha'a. Guyyaan isin qalantanu waan dhufeef, akka okkotee faaraa dansitti'ii jiga'aatii bututa'a.