Jeremiah 25:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
anini gosa mirga teetu ch'ufafi hojatu tiyya Nebukadreza hayyu Babiloni yaame, lafa tanaafi nama isi keesa taufi lafa d'aatu jirtu ch'ufa haasisa. Anini gosa Yuda tanaafi gosa worra d'aatu teetule balleese lafa worrale haga jiru jireenna onse waan nami hojja qaabatu ch'ufa iraa rifatu tolcha. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
‹Ani gara gosa gara kaabaatiin jiraniitii fi gara Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii tajaajilaa kiyyaa dhaamsa erga akka isaan Yihuuda'aa fi worra isii keessa jiraatu, akkasuma banii ollaa isi'ii jiraniin akka lolan isaa fida; ani biyya tana ollama isi'ii woliin isii balleessa; akka isaan laalchaafillee nama jibbisiisaniif worra mammaakaa haga ta'anitti baraa haga bara baraa akka diiggaman isaan taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
kunoo ani kolbaa gara kaabaa mara fi tajaajilaa kiyya mootii Baabilonii Nebukadnezaar waamee lafa tanaa fi kolbaa isii keessa leetu, gosa biyya adda addaa ta adaala isi'ii jirtu mara akka lolanuuf hin fida; ani ijjumaa isaan hin balleessa; waan hantuu nami dhaggee bararaqu, waan nami itti murguu fi haga bara baraa ona isaan hin godha.