Jeremiah 26:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa Hezekiani hayyu Yuda, raagi Mikaya jed'ani, ka lafa Morashti, d'ufe waan gumi Yuda ch'ufaani jed'e. AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Sioni aka oobru qotani Yerusalemuni huura wolti harani taate, gaari Mana Waaqa danqara taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Bara Hisqiyaas mootii Yihuuda'aa ture; raattichi Mikkiyaas namni biyya Mooreeshii dubbii raagaa ka Waandhi banii maraa dubbate bani'itti; ‹Tsiyoon akka lafa qonnaatitti qotamti; Yerusaalem akka tuulaa waan diiggamee taati; tulluun manni woyyuun itti ijaarame doba'atu itti marga› jedhee labsee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nami qachaa Mooresheetii Miikiyaas, bara Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'eerutti, raagee kolbaa Yihuda'aa maraan, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: « ‹Xiyoon akka ficha'aa hin qotanti Yerusaalem tuulaa bututaa hin teeti; kooba Galma Waaqaa daggalli itti hin lata jedha› jedhe.