Jeremiah 26:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hegeri worri ch'aqase kara ufi hama iraa deebiafa. Yo worri akasi tahe, anini waan hamtu qara worra tolcha jed'e herege, illakisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maal laataa baniin kun si dhagayanii karaa hamaa ufii irraa deebi'uu danda'an ta'a; yoo ka deebi'an ta'e garuu badii waan hujii hamaa isaaniitiif isaanitti fidu'uuf ta'u maraa hin dhiisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan jecha kana caqasanee karaa ifii hamaa irraa adoo deebi'anee, ani sababa hammeenna hujii isaaniitiif badii isaanitti fidiisaaf yaade hin lakkisa.