Jeremiah 27:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
(Gaafa hayyichi Nebukadrezani Yehoiakini, ilma Yehoiakimu hayyu Yudatifi jaarole Yudatifi ta Yerusalemu boojie lafa Babiloni geese, inni utuba Mana Waaqatifi haro sibiila diimatifi gaarifi miha Mana Waaqa d'ibile achumati hambise.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii mootii Yihuuda'aatii fi namoota gugurdaa Yerusaalemii woliin hennaa booji'ee gara Baabiloonii fide meeshaa, utubaawwan hedduu, gandaa bisaan itti kuufamu ka sibiila diimaa irraa hojjatame, meeshaa sibiilaa ka waa irra kaayanii fi ka mana woyyuu keessa jiran ka biraallee Yerusaalemiin keessatti dhiisee deemee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo utuboota lama ka Galma Waaqaa duraa, marroo waabaa bisaanii, marroo waan meya irra keyanu ka korboo qabuutii fi marroo meya dhibii qachaa kana keessatti hafee,