Jeremiah 28:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini waan Hananiani jed'e, Hanania, na ch'aqasi! AABBO Waaqi si inergine, atini jara kana sobde dubbi d'ara dugefachisuu jirta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dubbima kana Hanaaniya'atti akkana jedhee hime, «Hanaaniyaa'a! na dhagayi; Rabbi bee si hin erginee ati banii kanniin maraa akka dubbii sobaa hedatan gooteerta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba raagichi Ermiyaas, Hanaaniyaa raagichaan, «Hanaaniya'a, caqasi! Ati Mootiin Waan Maraa adoo si hin ergin kolbaan tun dharatti akka addattu gooteerta;