Jeremiah 28:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle anini hayyu Yuda, ka Yehoiakini ilma Yehoiakimu jed'anifi, worra Yuda ka boojiani lafa Babiloni geesani wolumaani ch'ufa deebisa. D'uguma anini irre hayyu Babiloni inch'absa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii mootii Yihuuda'aa, banii Yihuuda'aa worra booji'amanii fi waan isaanii ka booji'ame woliin Baabiloonii as isa deebisa; Ee! seera bulchiinsa mootii Baabiloonii hin cabsa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Waanjoo mootii Baabilonii waan cassuuf, mootii Yihuda'aa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniya'aa fi worra isa woliin booji'amee gara Baabilonii dhaqe maralle gara addee tanaa deebisee hin fida› jedha» jedhe.