Jeremiah 29:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini worra lakisu dide, woraanafi beelafi d'ukuba worratiini d'ufa, gochiti lafa keesa jirtu ch'ufti waan agarte suni iraa rifati. Fulla anini worra iti firfirse ch'ufa, nami waan worri tahe iraa rifate mudame. Worra goyeesani maqa worraatini, nama abaarani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lola, beelaa fi bala'aan isaan ari'a; baniin adunyaa keessa jiraatu maruu waan isaan irra gawu arganii nayan; baniin akka isaan bittinneessee waan isaan irra gawu argan maruu nayanii raafaman; baniin maruu isaanitti kolfa'aa isaanitti baldan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin ari'a; mootummoota biyya lafaa mara duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; gosa biyya adda addaa oddu'utti addee isaan itti bittinneesselle'etti akka abaaramanuu fi jibbamanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaanitti cooranu hin godha.