Jeremiah 29:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini eegi hayyu Yehoiakinifi haad'a isaatifi hojattu mana hayyutifi jaarole Yudatifi ta Yerusalemutifi ogeeyifi nama huji harkaa beekhu ch'ufa boojiani tatabe tana t'aafe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaan ani xalayaa kana barreesse, hennaa mootichi Ikooniyaan, haati isaa giiftiinii fi hojjattoonni isaa ta isa woliin hojjatan, bulchoonni Yihuuda'aatii fi bulchoonni Yerusaalemii worri ogummaa harkaa qabanii fi worri ogummaa gara garaa qaban booji'amanii fudhatamaniin maayessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
inni xalayaa kana mootichi Yekoniya'aa fi giittiin haati isaa, qondaaltoti mana mootummaa isaa, bulchitooti Yihuda'aatii fi Yerusaalemii, worri hujii harkaa hujuu fi worri sibiila tumu Yerusaalem keessaa booji'amanee fudhatamaneen duuba barreesse.