Jeremiah 29:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti AABBO Waaqi, guddaani Israeli, waan Ahabu ilma Kolayatifi Sedekia ilma Maaseya, ka maqa kiyyaani dubbi d'ara isani faguuni jed'u tana; anini harka hayyu Babiloni ka Nebukadreza jed'aniti worra kenne, inni ila teesani durati worra fit'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa waan Aki'aabii ilma Qollaya'aatii fi waan dubbii raagaa ka sobaa maqaa Rabbiitiin isinitti dubbataniitiif ani isaan uduu ijji teessan argitu mootii Baabiloonii ka du'aan adabuutitti isaan kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo Ahaabii ilma Kolaaya'aatii fi Zedeqiiyaa ilma Ma'aseya'aa worra maqaa isaatiin raaga dharaa raaganuun, «Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee isaan hin kenna; innille iluma teessan duratti isaan hin ijjeesa.