Jeremiah 29:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi yayu fulla Yehoyada qaallu si tolche, inni amma yayu gudda Mana Waaqa si tolche. Atini nama marata, ka raaga ufiini jed'u ch'ufa, sansalatani hid'i, haada sibiila mormati kayi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Rabbi bikka gadicha Yoodaahe'ee gadicha godhee si muudeera; kunoo ammaa bulchaan mana woyyu'uu ka maraa caalu si'i; kanaaf ani raatticha jedha'aa fakkeessa'aa dubbatu, maraattota gari garii akkanaa kanniin wolitti qabdee haada sibiilaa ka mormaatii fi luka isaanii gudeelchaan wolitti hidhuun hujii kee ta'uu barbaachisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Galma Waaqaa keessatti itti gaafatamaa akka teetuuf Mootiin Waan Maraa addee hayyicha Yoyaada'aa hayyicha si godheera; ati nama maraataa raaga dharaa raagu miila isaa jirma lama wodhakka'atti, morma isaa sibiila wodhakka'atti hidhuu qadda.