Jeremiah 3:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Israeli anini ilma isani tolfad'e, lafa dansa lafa ch'ufa iraa mid'aadu isanii kennu fed'e. Ammalle waan isani aabbo nani jettanifi waan isani deebitani naraa gortani inseenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Yaa Israa'el! ani akka finna kiyyaatitti Biyya adunya'aa keessaa lafa gabbattu'uu fi laliftuu guddiftee bareeddu sii kennuu barbaade; Ati, «Abbaa» kiyya jettee akka na waamtuu fi akka deebitee na irraa hin fagaanne si eega'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani Mootiin Waan Maraa lafa gammachiittu, lafa kolbaa biyya dhibi'ii mara caalaa dansa'aa, si'iif kenniisaaf, akka ilmaan tiyyaatitti attam attam sitti gammada. Ati, ‹Abbaa kiyya› jettee na hin waanta; ‹Na hordofiisa irralle'ee hin deebitu› jedhee yaadadheeraayyu.