Jeremiah 3:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fiit'e gaareeni laala. Fullaani isani aka sharmut'a iti intahini injirti? Isani d'aatu kara teetani, jaallowaani teesani eeddani, akuma Araftini lafa gamooji keesati nama ijeeftu eegatu. Isani lafa yayu Sharmut'oma keesanini t'ureesitani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mee ol jedhii gaarran gubbaa laali; huleen ati waaqolee tolfama'aa itti hin saganne hin jiraa? akka nama lafa gammoojji'ii keessa riphee waa saamu'uuf olii fi gad deemuutii fi akka dubartii nama isii jaalatu soqaa karaa gara garaa deema'aa hujii cubbuu seebara keetii waaqeffata'aa lafa batteessite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qaccee koobota goddu'uu ol ilaali! Addeen ati irratti hin sagaagalle jirtii? Akkuma worri Arabaa lafa goomole'ee keessatti nama saamiisaaf eegatu, akkasuma atille karaa keessa teettee worra si jaalatu eegatte. Sagaagalumma'aa fi hammeenna keetiin lafa batteessite.