Jeremiah 3:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu ch'eeraani gach'iimne, ch'eeri sunini nu ukaamsu male. Nufi ababooti teenna haguma duriti yayu AABBO Waaqa keennati ch'ubbamne; nu takaa seera isaa inguunne jettani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nu'uu fi abboonni teenna ta durii deddeebinee cubbuu hojjannee Rabbii Waaqa keenna gaddisiifneerra; ajaja isaallee hin raawwanne; kanaafuu nu saalfannee kufnee salphinna akka uffataatitti uffanne.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuutii fi abbootiin teenna ijoollummaa teennaa jalqannee, haga adhaatitti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuu hunyee, isaafille waan hin ajajaminiif, qaani'iin gad jinnee, salphinna akka woya'aa uffannuu ti» jettaneertan.