Jeremiah 3:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yudaleeni oboleetini isii hamtuni suni aka anini worra Israeli ufi biraa gusse agarte. Ammo taatule isiini na sodaachu didde, ufile sharmut'a taate,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Israa'el ana waaqeffatuu dhiiftee waaqolee tolfamaa faana deemte; akka ani waan isiin hojjata'aartu isi'ii dhiise Yihuudaan argiteerti; Yihuudaan obboleettiin Israa'elii ta hin amanamne hin sodaanne; isiinillee gara ufiitiin waaqa tolfamaa waaqeffatti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Israa'elii dhugeeffannaa hin qanneef, sababa gaarayyeeffata isi'ii maraaf woraqata lakkeessaa kenneefii ari'e; te'uu malee obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne, tana dhaggitee akka hin sodaanne ani dhagge; isiille baatee sagaagalte.