Jeremiah 30:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi tiyya ta Yakobo, insodaatina; worra Israeli, imudamina. Anini lafa fago suni, ta qara boojiani iti isani geesani, keesaa isani baase, isani galtani nagayaani teetani, nami tokoleeni deebie isani insodaachisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin worri Israa'elii ijoollee Yaaqoobii tajaajilaa kiyyaa, hin sodaatinaa'a, abdii hin kutatinaa'a; ani nagayaan biyya fago'oo isin deebisaa; ijoollee teessanillee biyya isaan itti booji'amanii hin deebisa; worri Israa'elii deebi'anii nagaya argatanii sodaa malee jiraatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre, ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob, hin sodaatin! Ee kolbaa Israa'elii hin rifatina'a! Ani dhugumaan biyya fago'oo irraa isin hin deebisa; sanyii teessanille lafa isaan itti booji'amane keessaa hin deebisa. Yaaqoob deebi'ee bidhaa malee nageyaan hin le'a; ka isa sodaachisulle hin jiru.